#creatorsearchFar . 113 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Waaqayyoon jajadhaa! Isin yaa hojjetoota Waaqayyoo, jajadhaa, maqaa Waaqayyoo jajadhaa! ² Ammaa jalqabee hamma bara baraatti, maqaan Waaqayyoo eebbifamaa haa ta'u! ³ Ba'a-biiftuutii jalqabee hamma lixa isheetti, maqaan Waaqayyoo jajamaa haa ta'u! ⁴ Waaqayyo saba lafa irraa hundumaa gararraa dha; ulfinni isaas bantiiwwan waaqaa bira ol in darba! ⁵ Kan akka Waaqayyo gooftaa keenyaa eenyu? Inni ol gararraa teessoo isaa irra in taa'a; ⁶ gara bantiiwwan waaqaatti, gara lafaattis gad fageessee in ilaala. ⁷ Isa gad-deebi'aa awwaara keessaa ol in kaasa, isa dhabaa kosii keessaa ol in fuudha; ⁸ warra gurguddootaa wajjin, gurguddoota saba isaa wajjinis akka taa'u in godha. ⁹ Isheen dhabduun haadha ijoollee taatee gammaddee, mana keessa akka jiraattu inni in godha. Waaqayyoon jajadhaa!insights